bara dorgommii kanaa yeroo kamirrayyuu caalaa yaaddoo gara Liigii olaanootti gad bu’uu kan qabu Jimmaa Abbaa Jifaar kilaba biroo bara kana bu’aa bayii keessa jiru Buna Itoophiyaa wajjin wal morkachuun qabxii qooddatee bahe. taphichi boqonnaa dura galchii malee kan goolabame yoo ta’u boqonnaa deebii galchii Indaalee Dabaalqee Buna Itoophiyaaf daqiiqaa 46ffaarratti lakkoofsiseen turtii daqiiqaawwan 17f durfamaa turuun daqiiqaa 63ffarratti Iyyoob Alamaayyoo Jimmaa Abbaa Jifaariif galchii lakkoofsisuun sochiin taphichaa galchii 1-1n qixa xumurame. Jimmaa Abbaa Jifaar qabxii 13n sadarkaa 15ffaa (zoonii balaawaa) keessa turuuf dirqameera.Turtii waggoota 3 booda Shaampiyoonummaaf taphachaa akka jiru agarsiisaa kan jiran Faradoowwan garee cimaa isa biroo Buna Siidaamaa wajjin taphachuun galchii Gaatooch Paanoom lakkoofsiseen qabxii murteessituu 3 qabatee baheen garaa garummaa morkattootasaa wajjin qabu gara 10tti bal’ifateera.
Walaayittaa Diichaa fi Sabbataan galchii malee qixaan yoo xumuraniiru. Sabbataan bara kana turtii waggoota 2 liigicha keessatti taasise booda gara liigii olaanootti bu’uuf karaa waan qabateeru fakkaata. qabxii 13 qixa Jimmaa Abbaa Jifaaritti walitti qabachuun liqaa galchiitiin caalamuun miil-jala liigichaatti kufee argama. Kanniisonni Xoonaa qabxii qooddachuusaanii wajjin wal qabatee liigichaan Qidduua Giyoorgiisitti aanuun carraa sadarkaa 2ffaarra taa’uusaanii dabarsanii kennaniiru.Raayyaan Ittisaa Baahar Daar wajjin qixa bahuun qabxii qooddatee baheera. Gareen Abrahaam Mabraatuutiin durfamu bara kana mudhii gabatee liigichaarra marmaaraa jiru qabxii qooddachuun sadarkaa 9ffaarra tureera. Fistuum Alamuun daqiiqaa 59ffaarraatti peenaaltiidhaan dursa isaan qabsiisus Addiisuu Atoolaan galchii daqiiqaa 69ffaarratti lakkoofsiseen kilabichi qabxii qooddatee baheera.
Kilabni Bulchiinsa Magaala Finfinnee fi Kilabni Bulchiinsa Magaala Adaamaa galchii malee qabxii qooddachuun bahaniiru. Adaamaan bara kana kan baara darbeerra yeroo gaarii dabarsaa jiru zoonii balaawaa irraa qabxii 12n ol fagaachuun tasgabbaa’ee muudhii liigichaarratti argama. Kilabni Bulchiinsa Magaala Finfinnee bara afaan boolla zoonii balaawaa irra taa’uun taphicha taphatus qabxii qooddachuusaa wajjin wal qabatee achuma turuuf dirqameera.morkii Walqixxee fi Dirree Dhowaan waliin taasisan irratti sochiin hawwataa mul’atee ture. Taphichi jalqabee daqiiqaa 4ffaarratti Heenook Aayyalaan galchii lakkoofsiseen warri Dirree Dhowaa dursaa turuun daqiiqaawwan dhumaa irratti dogoggora taphattootni sarara ittisaasaanii raawwataniin Walqixxeen galchii Peenaaltii Geetaaneh Kabbadaan lakkoofsiseen qabxii qooddatanii bahaniiru. Geetaanehn bara kana baay’ina galchiiwwan liigichaan lakkoofsisee 7n gaheera.
Dhiyoo kana Leenjisaasaa duraanii wajjin kan adda bahan Faasiil Arbaa Miinc waliin taphachuun garaa garummaa dhiphaatiin injifatee qabxii 3 qabatee bahuun Qidduus Giyoorgiisitti aanuun sadarkaa 2ffaatti ol dhufeera. Shaampiyoonaa liigichaa bara darbeef galchii injifannoo kan lakkoofsise Bazzaabih Malaayoo ture.
Dhuma torban kanaatiin morkiin galchiiwwan hedduu irratti keessummeeffame morkii gareen Mulugeetaa Mihrat Haadiyyaa Hoosa’inaa garee cimaa Zara’aay Muluutiin durfamu Hawaasaa wajjin taasisuun injifatan ture. tapha kanarratti galchiiwwan 4 yoo lakkaawaman Haadiyyaan galchiiwwan 3 lakkoofsisuun olaantummaa fudhachuun injifannoon goolabeera. Taphichi jalqabamee daqiiqaa 14ffaarratti Habtaamuu Taaddasaan galchii lakkoofsiseen Haadiyyaan dursa qabatee ture. turtii daqiiqaawwan 6 booda Tabaarak Maammoon galchii qixxeessituu Hawaasaaf lakkoofsisuun 1-1n boqonnaa bahuun boqonnaa booda galchiiwwan lamaan Fiqrayesuus Taklabirhaan fi Kaaluujii Moondiyaan (garee ofii irratti) lakkoofsisuun Haadiyyaan otoo hin eegamuun Hawaasaa injifatee baheera.
Taphoota torban 21ffaa booda imalli duulaa liigichaa Istaadiyoomii Yuunivarsiitii Saayinsiif Teeknooloojii Adaamaa irratti taasisu kan goolabamu ta’a.